ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Aanaa Daarimuu ganda Goboraa jedhamu keessaa Bitootessa 6, 2025 ergamtoonni sirna nama nyaataa Bilxiginnaan dargaggoo Kamaal Abdallaa fi shamarree Jaallannee jedhamtu badii tokko malee sobaan yakkuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, ijoolleen lamaan loltoota Bilxiginnaan ajjeefaman kunneen siyaasa kam waliin hariiroo tokkollee kan hin qabnee fi maqaa sobaa “isin miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun yakkamanii Oromummaa isaanii qofaaf haala nama gaddisiisuun ajjeefamuu ONM’f eeranii jiru.
Afaaniin nagaa labsaa faallaa isaa ammoo hawaasa meesha maleeyyii irratti meeshaa fi dhuka’aa bituu fi oomishuun gochoota farra namoomaa garaa garaa raawwachaa kan jiru murni shiftaa Koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu Bilxiginnaan, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsee jumlaan hidhuu, ajjeesuu fi saamuu cimsee itti fufee jira.


