ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Ergamtootni faashistii PP aanaa Sayyoo Noolee keessatti sababoota garaa garaa itti maxxansuun hawaasa nagaa hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, ganda Duwwisoo jedhamu irraa Bitootessa 5, 2025 namoota maqaan isaanii Argaachoo Dingataa fi Maammad Mirkanaa jedhaman maqaa “gibira kaffaluu diddan” jedhuun qabanii waajjira gandaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees, Bitootessa 4, 2025 jiraataama ganda Duwwisoo kan ta’e nama maqaan isaa Amaanu’eel Firriisaa jedhamus haaluma wal fakkaatuun maqaa “gibira kaffaluu diddee fi miseensummaa WBO qabda” jedhuun aanichuma gara ganda Guutee geessanii hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Walumaagalatti gochoonni saamichaa, hidhaa fi hiraarsaa hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin raawwachaa jiru akka onichaatti jabaatee itti fufee jiraachuun dargaggoonni fi abbootiin maqaa hidhata WBO qabduun guyyuu gidirfamaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

