• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti dirqiin sangoota waraana faashistii PP’f bitaa jechuun nama tokko irraa qarshii hanga 60,000’tti fuudhaa jiraachuun barame

Mar 10, 2025

ONM-ABO Bitootessa 10, 2025 

Gareen birmadummaa dinagdee IMF fi Baankii addunyaatti gurguruun qaala’iinsa jireenyaa kufaatii dinagdee sababa waraanaan dhufetti hammeesse, lammiilee jireenyi jijjiiramuun gabaan gubachaa jiran gibiraa fi kaffaltii adda addaan dararuutti dabalataan waraanaa fi hojii bulchiinsaa maallaqaan akka tumsaniif hojjechaa jira.

Murni sabaaf hin yaanne kun torbee darbe keessa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti daldaltoota jireenya isaaniif waan argatan hojjetanii ofii fi maatii isaanii jiraachisuuf tattaafatan sangoota bittu jechuun gatii muranii gadi itti butanii jiru.

Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa namoota tokko tokko dubbisuun adda baafatetti gareen saamtotaa maqaa PP’n socho’an kun magaalaa Muggii keessatti nama sochii qabu jedhan sangaa tokko bituuf qarshii 60,000 kaffaluu akka qabu kan ibsan yoo ta’u, xiqqaan qarshii 30,000 kaffaluu akka qabu itti himanii jiru.

Maallaqni kunis sangoota raayyaa ittisa impaayerattiif bituuf kan oolu yoo ta’u, kanaan duras qawweedhuma mataan Bilxiginnaa Abiy Ahimed biyyoota alaatti gurgurree doolaara miliyoona 30 arganne jedhu bituuf dirqiin kaffalaa turuun ni beekama.

Maallaqa jedhame kana namootni itti himame hin kaffalan yoo ta’e, Bilxiginnaa diiguun Waraana Bilisummaa Oromoo jabeessuu irratti hojjechaa jirtu jedhamuun gaafatamtu jechuun qondaaltotni waraana Bilxiginnaa fi bulchaan aanichaa doorsisaa jiraachuu gabaasni achii nu qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading