ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Godina Lixa Harargee aanaa Habroo Araddaa Ifaa jiruu ganda Sireetti milishoonni sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Ismaa’el Alishoo jedhamu yakka tokko malee rasaasa ittii roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.
Akka jiraattonni jedhanitti dargaggoo kana irratti ajjeechaan akka raawwatamuuf ajaja dabarsee kan bobbaase abbaa araddaa Ifa Jiruu kan ta’e kan miidiyaa hawaasaa maqaa Qiddus Galamsoo jedhuun fayyadamus ta’uu himuun, rakkooleen ajjeechaa fi saamichaa araddaa sana keessatti guyyuu akka raawwatuuf gaafatama jabaa fudhatee loltoota gara jabinaan guutaman kan bobbaasus isa ta’uu ibsu.
Dargaggoo Ismaa’el malees onicha keessatti ajjeechaan raawwachaa jiraachuus kan himan, torbeedhuma kana keessa maqaa siyaasaan namoota yakkanii hidhaan gidirsaa jiran keessaa namni tokko reebicha haalaan ulfaataa waraanni garboomfataan PP irratti taasisaniin lubbuun isaa darbuus itti dabaluun ONM’f ifoomsaniiru.


