ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Bitootessa 9, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu-Kaarraa ganda Talaamsootti namoota nagaa 3 waraanni maaafiyaan PP badii tokko malee mana isaaniitii gadi baasuun qe’ee isaanii keessatti ajjeesanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namoonni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii:
1. Abdiisaa Tarfaasaa,
2. Jootee Tashoomaa,
3. Jiraataa Margaa
kanneen jedhaman yommuu ta’an, akka jiraattonni naannichaa ONM dubbise jedhanitti namoonni 3’n ajjeefaman kunneen namoota maatii qaban yoo ta’an badii tokkollee kan hin qabnee fi dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin hordofne ta’uu ibsuun sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamanii waraana murnichaan ajjeefamuu itti dabaluun addeessanii jiru.
Biyyaa fi biyyee abbaa isaatii akkasumas qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti mirga gaaffii gaafatee deebii argachuu mitii; mirga lubbuun jiraachuu iyyuu kan dhabe sabni Oromoo, aduu dhiitee bariituun qe’ee isaa keessatti wantoota isa gaddisiisan qofa keessummeessaa oola.
Keessattuu haala amma deemaa jiruun immoo dhalli namaa akka namaatti ilaalamuun hafee hanga bineensa bosonaa iyyuu hanqatee jiraachuun ilmaan Oromoo ija hawaasa addunyaa jalaa kan dhokatu miti.



