• Sat. Mar 14th, 2026

Miseensi Waraana Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu irraa qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennate

Mar 10, 2025

ONM-ABO Bitootessa 9, 2025 

Bitootesssa 7, ! Nbnnn 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Qeelaa Daabbuus irraa miseensi waraana PP tokko qawwee AKM Gurraacha 1, rasaasa AKM 180 fi hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa ganuun WBO’tti dabalamee jira.

Gareen mootummaa ofiin jedhu murni PP, ilmaan Oromoo kaan dirqamaan qabuunii fi kaan immoo gowwomsuun bakka hojii, mana barnootaa fi bakkoota adda addaatii ukkaamsee leenjii waraanummaa yeroo gababaa kennuufiin eegduu barcuma aangoo siyaasa isaa godhachaa jiraatus, gocha badii sirnichaa hubachuun yeroo yerootti keessaa badaa oolu.

Itti dabaluun miseensi waraana Impaayeerattii duraanii kun simaannaa ho’aa fi kabajaa WBO’n godhaniifitti hedduu gammaduun fakkaattota isaa kanneen mooraa diinaa keessatti hafaniif immoo qawwee aangoo barcuma nama dhuunfaa tiksuuf hidhattan qabadhaatii gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo kottaa WBO waliin dirqama Orumummaa keessan bahadhaa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading