ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Aanaa Limmuu ganda Mukarbaa Diimaa bakka addaa Ulaa Leeboo jedhamu irraa loltoonni Abiy Ahimed Bitootessa 9, 2025 “abbaa manaa keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun sababa tokko malee Aadde Shoree Baqqalaa mana jireenyaa isheetii ukkaamsuun hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aadde Shoreen haadha daa’ima afurii kan taatee fi daa’ima ishee harma hootu irraa qabuun haadhaa fi ilmoo gargar baasanii kan hidhan loltoonni gara jabeeyyii Bilxiginnaa, yeroo adda addaatti “abbaa manaa kee galchi” jechuun irra deddeebiin hidhaa akka turan eeramee jira.
Loltoonni naamusa waraanaa fi seera jalatti bobbaafaman hin kabajne aanichatti dubartoota fi maanguddoota salphisuu aadeffachuun, aanicha guutummaa keessatti hawaasni nagaan hedduun badii tokko malee hidhaatti darbatamuun hiraarfamaa jiraachuun beekamee jira.
Gareen faashistii PP kunneen maqaa qaamoleen adda addaa nu weeraruuf qophaa’aa jiruutiin yeroo duula lolaa bifa haaraan labsaa jiru kanatti Oromoon tokko ta’uu qabaan afaanfaajjii fi diraamaa hojjetus, lafa irratti waraana isaan ajajaniin Oromoo ajjeefamaa, saamamaa fi hidhamaa jiraachuun eenyu duraa kan dhokate miti.


