• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Dibaax keessatti murni maafiyaa PP hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee itti fufe

Mar 12, 2025

ONM-ABO Bitootessa 11, 2025 

Aanaa Dibaax ganda Soomboo Siree fi ganda Gaalessaa keessatti Bitootessa 7, 2025 waraanni maafiyaan PP hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Mootilee Yaaddessaa,
  2. Obbo Mulgeetaa Gichii,
  3. Obbo Dassaalee fi
  4. Obbo Musee dabalatee 

kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu badii tokko malee mana hidhaatti darbachuudhaan hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti namoonni hidhaman kunneen badii qabaataniif osoo hin taane naannicha keessatti sababuma Oromummaa isaaniif jecha akka bineensaatti ilaalamuudhaan gochi dhala namaaf hin malle irratti raawwachaa jiraachuu himuun, dabni ergamtoonni sirnichaa uummata nagaa irratti geggeessaa jiran akkaan kan nama gaddisiisu ta’uus dabalataan ONM’tti himaniiru.

Daba seenaa keessatti uummata Oromoo irratti raawwatee hin beekne waggoota torban kana keessatti raawwachaa kan jiru murni koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu Bilxiginnaan, qe’eedhuma isaa irratti dantaa dhuunfaa isaaf jecha guyyaadhaa gara guyyaatti waraana isaa bobbaasuun gochoota dhiittaa mirga namoomaa saba Oromoo irratti geggeessaa jiru daran hammeessee jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading