ONM-ABO Bitootessa 13, 2025
Bitootessa 8, 2025 aanaa Harxummaa Fursee iddoo jiraattotni aanichaa loon itti bobbaafatan Caffee Biluu jedhamuun beekamutti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon meeshaalee gurguddaa fageenya irraa darbataniin dhalattuu ganda Coqorsoo Funyaan Sullee kan taate shamarreen ganna 15 kan maqaan ishee Fooziyaa Aammii Adee jedhamtu rasaasa meeshaa guddaa dhukaafamee kanaan battalumatti lubbuun darbitee jiraachuun barame.
Guyyuma kana yeroo wal fakkaataatti erga shamarree Fooziyaan lubbuun dabarteen booda bakkichumatti akka namoonni reeffa shamarree kanaa hin kaafanneef darbiilaan (kishaafaan) ilaalanii irra deddeebiin meeshaalee gurguddaa marsaa hedduu darbataniin loon namoota hedduu ajjeesuu fi madeessuun ibsameera.
Namoota loon isaanii rasaasa humnoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin jalaa ajjeefamanii fi madaa’an keessaa ganda Coqorsoo Funyaan Sullee irraa kan maqaan nu ga’e:
- Huseenuu Aliyyii,
- Adam Sheekichaa fi
- Abduu Huseen
kanneen jedhaman jalaa loon isaanii hedduun ajjeefamuu fi madaa’uun barameera.
Oduma walfakkaatuun ammoo aanaa Jiille Dhummuuggaa magaalaa Haxaayyee keessatti Bitootessa 3, 2025 hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of yaaman nama sammuun isaa tuqamee maraatee jiru Oromummaa isaa qofaaf magaalicha keessaa butanii gara qe’ee uummata Amaaraa geeffachuun bosona walakkaatti haala nama gaddisiisuun ajjeesanii gatuun bineensa kan nyaachisan ta’uu fi maatiin nama kanaas du’a isaa dhaga’anii Bitootessa 10’n gadda taa’uun addeeffameera.




