• Tue. Jan 13th, 2026

Ameerikaan Manni Maree Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sochii niwukilaraa Iraan akka balaaleffatu gaafatte

Mar 14, 2025

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Miseensonni Mana Maree hedduun gabaasa yeroo dhiyoo Ejensii Annisaa Idil-addunyaa UN’s irraa, Iraan kuufama ishee yuuraaniyeemii baay’ee badhaadhina qabu gara qulqullina dhibbeentaa 60tti akka guddiste, boombii atoomikaaf barbaachisuun dhibbeentaa 90tti dhihaachuu ishee ibseera.

Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp “sagantaan niwukilaraa Iraan nagaa fi nageenya idil-addunyaa irratti balaa akka ta’e ifa godhaniiru jedha ergamni Ameerikaa walgahii booda.

“Manni marichaa amala salphina kana furuu fi balaaleffachuu keessatti ifaa fi tokko ta’uu qaba,” jechuun ibsi Ameerikaa, Waashingitan “Tarsiimoo Dhiibbaa Ol’aanaa” Tiraampiin Teeyiran meeshaa niwukilaraa akka hin arganneef qaban irratti cichuu ishee ibseera.

Erga baatii Amajjii keessa gara Waayit Haawusitti deebi’anii as, Pirezidaantiin Rippabilikaan Iraan waliin waliigaltee niwukilaraa haaraa akka gaggeeffamu gaafatanis Teeyian  qoqqobbiin adabuu hanga jirutti waliigalteen akkasii hin danda’amu jechuun dubbatti.

Bara 2015 Iraan sagantaa niwukilaraa Biriteen, Chaayinaa, Faransaay, Jarmanii, Raashiyaa fi Ameerikaa waliin waliigaltee addaa irra geessee, qoqqobbii Teehiraan irratti xiyyeeffate hir’isuu gaafata.

Garuu bara 2018’tti, yeroo jalqabaaf Waayit Haawusitti, Tiraamp waliigaltee kana keessaa ba’anii qoqqobbii ulfaataa deebi’anii irra kaa’an.

Chaayinaan Kamisa kaleessaa dhuma torban kanaa Raashiyaa fi Iraan waliin marii niwukilaraa biyyoota sadii akka qopheessitu ibsiteetti jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading