• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsootti loltoonni faashistii Abiy Ahimed hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun, daa’ima waggaa lamaa dabalatee namoonni 3 madaa’uun himame

Mar 14, 2025

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Aanaa Warra Jaarsoo ganda Laantuu Walargii jedhamu keessaa Bitootessa 9, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Simboo Kitaabee daa’ima waggaa 8,
  2. Geexee Siyyumee shamarree waggaa 17,
  3. Adaree Kibabuu fi
  4. Daa’ima waggaa 2 kan maqaan adda hin baane 

loltoonni faashistii Abiy Ahimed badii tokko malee dhukaasa itti banuun madoo ulfaataa madeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni rasaasa ergamtoota sirnichaan waadaman kunneen siyaasa kam illee kan hin hordofne yoo ta’an, isaanis qe’ee isaanii keessatti fi kaan ammoo osoo gara mana amantaa deemaa jiranii gochi gara jabina hamaan guute kun irratti raawwachuu dubbatu.

Gocha gara jabinaa kana adda durummaan kan raawwatan milishoota sirnichaa maqaan isaanii:

  1. Mallas Agarii fi
  2. Asaffaa Tolasaa kanneen jedhaman ta’uun barameera.

loltoonni impaayera Itiyoophiyaa, kutaalee Oromiyaa cufatti akkuma fedhan bobba’uun ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkanneessoo argaa fi dhageettiif hin tolle garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading