• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsuun gara leenji waraanaatti guuraa jiraachuun himame

Mar 14, 2025

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa dargaggeessa argan hunda fedhii malee qabanii gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu hammeessuun aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Qabsoo jedhamutti Bitootessa 10, 2025 irraa eegaluun dargaggoota maqaan isaanii Jamaal Abdulkarimii fi Sulxaan Qaasim jedhaman dabalatee kanneen lakkoofsaan hedduu ta’an ukkaamfamuun bakka tursiisaatti deemsaaf qopheessanii kan jiran ta’uu maddeen ONM’f himanii jiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen, maqaa “Itiyoophiyaa keessaniif loltu” jedhuun ukkaamsaa kan jiran yoo ta’u, lukkeeleen kunneen dhiiraa fi dhalaa, xiqqaa fi guddaa, dhukkubsataa fi fayyaa jedhanii osoo adda hin baafatin lakkoofsa isaanii guuttachuuf qabaa jiraachuun himamee jira.

Yeroo adda addaatti aanicha keessaa dargaggoota hedduu ukkaamsanii leenjii waraanaatti ergaa kan turan lukkeeleen Bilxiginnaa, yeroo ammaa kana immoo qonnaan bultoota dabalatee namuma argan hunda ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, kanneen deemuu didan immoo hidhuu, reebuu fi qarshii hedduu irraa saamaa kan jiran ta’uunis dabalataan ibsameera.

Murni garboomfataan Bilxiginnaa maqaa leenjii waraanaatiin dargaggoota Oromoo hedduu fedhii isaanii malee humnaan ukkaamsuun gara mooraa leenji waraanaatti guuruun, leenjii gahaa tokko malee adda waraanaatti hiriirsuun ficcisiisaa kan jiru yoo ta’u, ammas lola marsaa biraa kan meeshaa waraanaa qabna jedhanii ittiin doorsisaaf agarsiisaa jiranitti galchuun qoraan ibiddaa taasisuuf qophii irra jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading