• Sun. Sep 13th, 2026

Ministirri Maallaqaa Libaanos IMF waliin waliigaltee haaraan ni jiraata jedhan

Mar 14, 2025

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Ministirri Maallaqaa Libaanos Yaasi Jaabir Roobii kaleessaa biyya isaanii fi Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa gidduutti walii galteen haaraan akka jiraatu dubbachuu isaanii ibsi Ministeerri Maallaqaa ergama IMF waliin erga dubbatanii booda baase ni mul’isa.

Jaabir akka jedhanitti walgahiin Ernestoo Ramireez Riigoo, itti gaafatamaa ergama IMF Libaanos daawwatu waliin ta’uun haalicha “gaarii” fi “iftoomina ” qabachuu arguu isaanii ibsan.

Beeyirut bara 2022tti wixinee waliigaltee maallaqaa IMF waliin gahe – haaromsa aanga’oonni kennuu dhabuu irratti hundaa’e geggeessiteetti.

“Mootummaan Libaanos haaromsa barbaachisaa ta’e hunda raawwachuuf kutannoo qabu ibseera. Namni tokko waan nu gaafateef osoo hin taane biyyi haaromsa akkasii waan barbaadduuf,” jedhan Jaabir.

Mariin dabalataa har’a Libaanositti IMF waliin akka gaggeeffamu himaniiru.

Addatti ammoo, Ministirri Muummee Libaanos Roobii akka jedhanitti, Baankiin Addunyaa tattaaffii deebisanii ijaaruu biyyattiif sagantaa doolaara biiliyoona 1 kan dhiheesse yoo ta’u, kunis doolaara miiliyoona 250 akka liqiitti kan dhiyaatu dabalateeti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading