• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti hidhaan loltoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Mar 15, 2025

ONM-ABO Bitootessa 15, 2025 

Loltoonni Bilxiginnaa baadiyyaa Oromiyaa keessa akkuma argan bobbaafamuun dhiiraa fi dhalaa osoo adda hin baasin cunqursaa fi gara jabummaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiran jabeessuun aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Jirma Dongorootti namoota ukkaamsuun hidhaatti darbachuun dhaga’ame. 

Impaayera Itiyoophiyaa nama hidhuun aadaa ta’e keessatti qaamni mirga namaaf falmu dhibee kanneen qaamolee nageenyaa jedhamanis  ajjeechaa fi hidhaa murna Bilxiginnaa tumsanii jumlaan namoota dararuu irratti fuulleffatanii kan jiran Bitootessa 9, 2025 ganda Jirma Dongoroo irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Algaanashee Abbabaa,
  2. Damee Roorroo,
  3. Itichaa Faradaa,
  4. Margaa Abbabaa,
  5. Barraalem Sumaa,
  6. Balaachoo Daanyee,
  7. Dhaabaa Baqqalaa fi kanneen biroo qabanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Jiraattonni hidhaman kunneenis maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun kan qabaman yoo ta’u, akkuma guutuu Oromiyaatti namoonni nagaan hirmaannaa siyaasaa keessatti qooda hin fudhanne maqaa dharaa qorannoon irratti hin geggeeffamneen yakkamanii ajjeefamuu, saamamuu, fi hidhamuun murna Bilxiginnaan erga eegalees waggoottan ja’a oliif kan deemaa jiruudha.

Leave a Reply