ONM-ABO Bitootessa 15, 2025 Aanaa Bachoo magaalaa Tullu- Boolloo keessaa ji’a darbe namoonni maqaan isaanii:
- Obbo Dammalaash maanguddoo ganna 65,
- Baay’isaa Ciibsaa,
- Abbittii Jigsaa fi
kanneen biroo hedduu ta’an gaaffii seeraa tokko malee ukkaamfamuun waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Maddeen namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “isin maatii qabsaa’otaati” jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu dubbatu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa irraa ilmaan Oromoo hunda dhiiraa fi dubartii, jaarsaa fi jaartii, xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne sobaan yakkanii reebuu, saamuu, ajjeesuu fi ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun bartee ta’ee itti fufeera.



