• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuutti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa saamuu fi manneen jalaa gubuu cimsanii itti fufan

Mar 17, 2025

ONM-ABO Bitootessa 17, 2025 

Aanaa Limmuu ganda Odaa Lalisaa jedhamutti waraanni PP qe’ee qonnaan bultoota Oromoo keessa deemuun Bitootessa 14, 2025: 

  1. Obbo Margaa Dabaloo jalaa mana lama gubuun, 
  2. Obbo Dabaloo Abdiisaa jalaa immoo mana tokko gubanii, horii 9, buna ardaba 6, xaafii ardaba 1 fi boqqolloo ardaba 3 jalaa 

saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Kana malees, aanaadhuma kana ganda Dagam jedhamutti Bitootessa 12, 2025: 

  1. Obbo Dassaalee Raggaasaa jalaa, buna ardaba 8 fi xaafii ardaba tokko jalaa saamanii deemuun dabalataan eeramee jira. 

Namoonni kunneen badii qabeenya isaanii saamsisuu fi mana jalaa gubsiisu hojjetaniif osoo hin taane, “ilmaan keessantu hidhatee bosona jira, hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhuun kan yakkaman yoo ta’u, akkuma aanichaatti dararaan lukkeelee Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jiraachuun ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading