• Sat. Sep 26th, 2026

Niilsen Maandeellaan yeroo Yuunivarsiititti barnoota seeraa barachaa ture…

Mar 19, 2025

☘️ #Niilsen_Maandeellaan yeroo Yuunivarsiititti barnoota seeraa barachaa ture barsiisaa Adii kan Professor #piter jedhamu qaba ture.
Piroofeesarri kun namoota gurraachaaf jibba guddaa qaba ture.

Gaaf tokko utuu Piroofeeser Piiter Mana nyaataa tokkoo laaqana nyaataa jiranii akka tasaa #Maandeellaan nyaata isaa qabatee bira taa’ee nyaachuu eegale. Yeroo sanatti gurraachi Afrikaa adii bira taa’ee nyaachun yakka guddaadhaa beekaa! Akka tuffiitti ilaalama.

Professorichi aariidhaan akkas jedheen “#Maandeellaa Booyyee fi Gugeen wajjin nyaachuu hin danda’an!” Jedhee itti dheekkame.

Innis “rakkoo hin qabu professor ! #barriseen deema jechuun ka’ee teessuma biroo irra taa’un nyaata isaa nyaachuu itti fufe.
🌱Ani Booyyee utuu hin taane Gugeedha jechuuniisaatii beeki. gama biraan qaba immoo Booyyeen si’i jechuuniisaati! Piiter dallanus deebii dhabee callisuu filate.

Guyyaa biraa Professorichi akka itti haaloo sana bahu yaadun Daree Barnootaa keessatti #Maandeellaa gaaffii gaafate. Gaafichi akkas jedha!

“#Maandeellaa utuu karaa adeemtuu boorsaa lama argita. tokko keessa #maallaqa, isa lammataa keessa immoo #Ogummaatu jira. Boorsaa kana lamaan keessaa tokko fudhadhu yoo jedhamte isa kam fudhatta?” jedhee gaafate.

Maandeellaan xiqqoo itti yaadee “#Boorsaa_maallaqa qabu sanan fudhadhakaa” jedhee deebiseef.

Piroofeeserichi deebiin Maandeellaa dogoggora jedhee waan yaadef gammadee, “Argitee #Maandeellaa! ati maal filachuu akka qabduyyuu hin beektu! #Ogummaan maallaqa caala! Utuu ana ta’ee ogummaan fudhadha” jedhee yagiboon gowwaa ta’uu mandeellatti hime.

☘️ #Maandeellaanis akkas jedhee deebiseef, sirriidha Professor! Namni kamuu waanuma hin qabne filata. Waan qabu tokko fudhatee maal ittiin godha?” jedheen. Ati #maallaqa qabda malee #ogummaa hin qabdu jechuuniisaati. Professorri har’as akka malee aarus callisee guyyaa eeggachuu filate.

Guyyaa tokko waraqaa qormaata Maandeellaa irratti, #dadhabaa!(stupid) jedhee barreessee kenneef. #Maandeellaanis barreeffamicha akkuma argeen suuta jedhee “dhiifama Piroofeeser! waraqaa qormaataa koo irra #maqaa kee malee #qabxiin koo hin jiru!” jechaan dhayee gaggabse.
☘️ #dadhabaan (Stupid )sidha jechuuniisaati.🍀Ogeessi lafee keessan kan foon arga! #Oromo #OROMIYAAN_BIYYA Caayaa Qeerroo

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading