• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irratti reebichaa fi saamicha raawwachuu hammeessan

Mar 20, 2025

ONM-ABO Bitootessa 19, 2025 

Aanaa Suudee ganda Abbukoo’ii Burqituu jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaa da’oo godhachuun saamicha raawwachuu cimsanii itti fufuun, maqaa “nyaata milishaa” jedhuun hawaasa dirqamsiisanii qarshii 500 guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Bitootessa 16, 2025 jiraataama ganda kanaa kan ta’e nama maqaan isaa Abbubakar Aliyyii Huseen jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa “qarshii 500 fidi” jechuun reebicha ulfaataa ta’e irratti raawwachuun ibsamee jira.

Kana malees, lukkeeleen Bilxiginnaa dararaa hawaasa irratti raawwachuu hammeessuun namoota walga’ii irraa hafan qarshii 400 adabuun, maqaa hojii misoomaa jedhuunis hawaasa waamanii kanneen hafan ammoo, qarshii 700 adabaa kan jiran ta’uun baramee jira. 

Gandicha keessatti gaaffii tokkoyyuu jaleewwan Bilxiginnaa gaafachuun kan hin danda’amnee fi nama gaaffii kam illee ta’u gaafate “hidhata qaama biraa qaba” jechuun hidhuun qarshii gurguddaa adabaa kan jiran ta’uu gabaasni ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

Leave a Reply