• Thu. Nov 26th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Gindabarat keessatti humnoota finxaaleeyyii Amaaraatiin namoonni lama yoo ajjeefaman kaan ammoo qabamanii deemuun dhaga’ame

Mar 20, 2025

ONM-ABO Bitootessa 19, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Gindabarat ganda Cirracha Gaatootti Bitootessa 16, 2025 humnoonni badii finxaaleeyyii Amaaraa  gochoota hammeenyaa isaanii uummata irratti hammeessuun namoota nagaa ajjeesuun kaan ammoo ukkaamsanii deemuun beekameera.

Kanaan duras bakkeewwan garaaa garaa keessatti diinonni kunneen ilmaan Oromoo qe’ee isaatti itti dhaquun mana isaanii keessa gad baasanii haala suukkanneessaan ajjeesuun manaa fi qabeenyas tokko osoo hin hambisin gariin saamuun kaan ammoo abiddaan barbadeessuun dararaa ulfaataa uummata irratti dalagaa jiraachuun beekamaadha.

Maqaalee garaa garaa itti moggaasuun hidhannoo meeshaa waraanaatiin ergamtoota isaa bobbaasee uummata Oromoo ficcisiisaa kan jiruun alatti, qaamota finxaaleeyyii Amaaraa faannoo jechuun of waaman ijaaree qe’ee ilmaan Oromootti duulchisaa kan jiru faashistichi abbaa irree koloneel Abiy Ahimed duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti hammeessuun uummaticha rakkisaa jira.

Leave a Reply