ONM-ABO Bitootessa 20, 2025
Arsii Bahaa aanaalee kanneen akka Martii, Jajuu, Gunaa, Asakoo, Shanan kooluu, Muuneessaa fi Sirkaa keessatti waraanni faashistiin PP Bitootessa 8, 2025 maqaa sakkattaa WBO’n bobba’anii saamicha raawwachuu jiraattonni dubbatu.
Hawaasni yeroo ammaa kanatti bishaan dhaqachuu, qoraan corachuu, gabaa dhaqachuu, oomisha oomishachuu, cidha godhachuu fi yoo namni irraa du’ellee sababa doorsisa waraana PP’n namni walitti dhufee wal awwaalu dhabameera jechuunis itti dabaluun ibsaniiru.
Galma cubbuu fi hattootaa akkasumas qe’ee ijaarsa jallinaa kan ta’e murni Bilxiginnaa guyyaa dhufee darbuun hiraarsaa bifa adda addaan lammiilee nagaa irratti raawwachuu fi gochoota suukkanneessaa ta’an kan argaa fi dhageettiif hin tolle jaleewwan isaa bobbaasuun sabicha irratti geggeessaa jiraachuu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

