ONM-ABO Bitootessa 19, 2025
Aanaa Jimmaa Raaree ganda Ceekuu Kaalloo jedhamu keessaa Bitootessa 17, 2025 Aadde Abbabuu Caalchisaa nama jedhamtu ergamtoonni sirna nama nyaataa PP badii tokko malee midhaan nyaataa xaafii fi boqqolloo Gombisaa lama guutuu ibidda itti shidanii jalaa barbadeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Aadde Abbabuun siyaasa kam illee kan hin hordofne ta’uu himuun, tiksitoonni impaayerattii ammoo maqaa “abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun oomisha isheen itti dadhabdee calleeffatte marartoo tokko malee ibiddaan gubanii barbadeessuun rakkoof akka saaxilamtu taasisanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Irraan fakkeessaa maqaa nageenya lammiilee tiksuu fi kabachiisuu jedhuun kutaalee impaayerattii cufatti Koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun kan bobbaafaman ergamtoonni isaa, dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf dursa kennanii qe’ee Uummata Oromootti bobba’uun miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.

