ONM-ABO Bitootessa 19, 2025
Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-qixxee guutummaa keessatti torban darbe irraa eegaluun gara qe’ee fi bakka hojii idilee hawaasaatti bobba’uun, saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin namuma argatan hunda dirqamaan qabanii gara mooraa leenjiitti geessaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni leenjii kana didan hidhaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, gariin ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa baqachaa jiraachuunis eeramee jira.
Dabalataanis, aanicha keessatti saamichi gosa garaa garaa kaffaltii nagahee hin qabneen hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatu kan duraan barameen olitti hammaatee jiraachuus jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Impaayera Itiyoophiyaa keessaaf alaan laboobni ibiddaa boba’ee hin dhaamne itti qabachuuf adeemaa jiru irraa baraaruuf, ergamtoonni Bilxiginnaa tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti fedhii jiraattotaa malee jumlaan ukkaamsanii mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun ibsameera.


