• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti hidhaa fi saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

Mar 20, 2025

ONM-ABO Bitootessa 19, 2025 

Aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti qonnaan bultoota saamaa kan jiran lukkeeleen Bilxiginnaa yeroo ammaa kanas bifa haarawaan saamicha itti fufuun araddaa Barakaa jedhamutti Bitootessa 16, 2025 irraa eegaluun maqaa “inshuraansii fayyaa” jedhuun qarshii 1000 dirqamaan saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Kaffaltii yeroo yerootti hawaasa araddichaa irraa guuraniif jecha qonnaan bultoonni hedduun qe’ee isaanii irraa baqachaa jiru.

Kanneen lafa baqatan dhabanii fi waan itti murta’e kaffaluu dadhaban ammoo Bitootessa 16, 2025 qabamanii hidhamanii jiru. 

Namootni hidhamanii jiran kunneen maqaan isaanii:

  1. Mahaammad Ahimed,
  2. Ballisaa Aliyyii,
  3. Abdullaa Hasan,
  4. Naasir Sulee,
  5. Dhaqqabataa Abdurrazaaq,
  6. Ahimad Abdullaa,
  7. Abdurra’uuf Naasirii fi 

qonnaan bultoonni biroo baay’inaan 20 ol ta’an  hidhamanii jiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaan dhuunfaa isaanii gaafa itti hir’atu hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu, guyyaa guyyaan maqaa gosa kaffaltii adda addaa da’oo godhatanii ittiin saamicha raawwatan abjootaa buluun namoota kaffaltii isaan jedhan didan irratti dararaa hamaa raawwachaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading