ONM-ABO Bitootessa 19, 2025
Yuunivarsiitii Amboo kaampaasii Haacaaluu Hundeessaa keessatti barattoonni rakkoo nyaataatiin miidhamaa kan jiran yoo ta’u, hanqina nyaataa fi qulqullina nyaataan wal qabatee Yuunivarsiitichatti hokkorri dhalatee kan jiru ta’uu barattoonni dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Torbee darbe ciree ganamaa irratti barattootaaf faffatoo dhiyeessanii, hanqina nyaataa fi qulqullina dhabuu irraan kan ka’e barattoonni nyaata malee ooluus barataan tokko dubbata.
“Barattoonni hundi akkuma dhaqanitti nyaaticha dhiisanii ba’an. Sana booda hundi keenya gadi baanee sagalee dhageessisuu eegalle. Achumaan poolisoonni federaalaa dhufanii nu bittimsan” jechuun barataan yuunivarsiitichaa rakkoo nageenya isaaf maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko dubbatee jira.
Kana malees, foon barattootaaf qalamu bakkeetti gurguramaa kan jiru ta’uu fi hojjettoonni kaaffee Yuunivarsiitichaa keessaa hojjetan seeraa fi naamusa barbaachisuun tajaajila kennaa akka hin jirre itti dabaluun ibsaniiru.




