ONM-ABO Botootessa 21, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu ganda Yaa’aatti loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Obbo Iddoosaa Tasammaa Simaa fi Obbo Dachaasaa Alamuu Shifarraa jedhaman badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun reebicha hamaa irraan gahuu jiraattonni gandichaa ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanaadhuma kana ganda Safaraa jedhamu irraa jaleewwan hawaasa hiraarsuun sirnicha utubuuf halkaniif guyyaa maggalan saamicha qonnaan bultoota irratti raawwatan jabeessuun, torban darbe dura nama maqaan isaa:
- Obbo Geetaachoo Hinsarmuu Lammii jedhamu jalaa qarshii 65,000 fi gaangee 1 yoo saaman,
- nama Obbo Addunyee Admaasuu Ayyaanaa jedhamu jalaas horii hedduu saamanii qalachuun baramee jira.
Namoonni hidhamanii fi saamaman kunneen siyaasa hordofan tokkollee kan hin qabne ta’snis, lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu” jedhuun yakkanii gochaa gara jabinaa kan irratti raawwatan ta’uun ibsamee jira.

