ONM-ABO Botootessa 21, 2025
Aanaa Daarimuu ganda Beenaa 3’ffaa keessaa Bitootessa 18, 2025 tiksitoonni impaayerattii dargaggoo maqaan isaa Abdulamiid Sheek Shukkaar jedhamu irratti sababa tokko malee reebicha ulfaataa ta’e raawwachuun, hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eettis mana yaalaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi gochi gara jabinaa kunis sababa Oromummaa isaa qofaaf irratti kan raawwatame ta’uu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.
Teessuma siyaasaa Koloneel Abiy Ahimediin tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman ergamtoonni isaa, ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkuun gochoota gara jabinaa irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

