• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti darbachuu hammeessan

Mar 22, 2025

ONM-ABO Bitootessa 21, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti torban darbe keessa loltoonni Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun hawaasa meesha maleessa hiraarsuu baran, “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Barsiisaa Nugusaa Dabaloo, 
  2. Barsiisaa Geetaachoo Dhugaasaa, 
  3. Awwaqaa Mokonnon,
  4. Addunyaa Gurmuu fi 

kanneen biroo ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen hojjettoota mootummaa kan ta’anii fi badii tokko osoo hin qabaatin hojii idilee isaanii irraa “ilma keessan bosona jiru galchaa; ykn manuma hidhaa kanatti isin ajjeefna” jechuun hidhanii dararaa kan jiran ta’uun eeramee jira. 

Addatti ammoo barsiisaa Nugusaan maanguddoo ganna 70 kan ta’anii fi hojii mootummaa irraa soorama kan ba’an yoo ta’an, mana hidhaa sana keessatti yaala tokko malee dhukkuba dhiibbaa dhiigaan rakkataa jiraachuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading