• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa manneen hawaasaa fi bosona irratti gubaatii raawwatan

Mar 22, 2025

ONM-ABO Bitootessa 22, 2025 

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee Magartuu jedhamu irraa loltoonni faashistii PP maqaa “sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhuun bobba’an Bitootessa 20, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Abdii Muummee jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Obbo Abdiin hidhata qaama siyaasaa kam illee kan hin qabne yoo ta’u, loltoonni sirnichaa badii tokko malee “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta” jechuun manaa fi meeshaalee mana keessaa inni qabu hunda kan barbadeessan ta’uun baramee jira.

Kana malees, ganduma kana irraa guyyaadhuma kana Bitootessa 20, 2025 bosona hawaasni waggoota dheeraaf kunuunsaa ture Bacanqee kan jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jira” jechuun gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ONM’f ibsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading