ONM-ABO Bitootessa 22, 2025
Aanaa Habroo guutummaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkoo beelaa fi hongee isa mudateen mar’immaan maree bulu, bifa haarawaan kaffaltii naga’ee hin qabneen saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Araddaa Ifaa Jiruu jedhamu keessaa Bitootessa 19, 2025 irraa eegalanii maqaa “daandii isiniif baafna” jedhu da’oo godhachuun hawaasa araddichaa hunda irraa qarshii 300 dirqamaan guuraa jiraachuun ibsamee jira.
Akka gareetti qarshii 6,000 yoo fuudhan, akka guutummaa araddichaatti immoo qarshii 250,000 funaannachuuf karoorfatanii kan jiranii fi sana dura immoo akkuma araddaa sanaatti maqaa ‘ijaarsa waajjira gandaa’ jedhuun qarshii Miliyoona 2.5 guuruun faayidaa dhuunfaa isaanii irra waan oolchataniif, uummanni waan fidee kaffalu dhabee dararaa hamaa keessummeessaa jiraachuun addeeffamee jira.
Loltoonni sirnicha utubuuf halkaniif guyyaa dhama’an, liqii liqeeffatanii meeshaa waraanaa ittiin bitan deebisuuf sababoota garaa garaan qabeenya uummata Oromoo saamaa jiru.



