ONM-ABO Bitootessa 21, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Haraa Gabatoo bakka addaa 11’ffaa jedhamuun waamamu keessatti murni Bilxiginnaa Bitootessa 17, 2025 sababa bosonni mana Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun bosona naannichaatti ibidda qabsiisuun barbadeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Sababuma kanaan guyyaadhuma kana lukkeeleen PP kunneen jiraataa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Amadoo Dachaasaa jedhamu Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo kana keessa socho’utti daandii agarsiista maqaa jedhu itti maxxansuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu himaniiru.
Murni badee balleessaan PP miidiyaalee dhuunfaa isaa kanneen soba isaa hafarsaa oolan of dura qabuun, waqtii gannaa maqaa ashaaraa magariisa jedhuun biqiltuu dhaabsisuun waqtii bonaa ammoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu keessa gala jedhuun bosonatti ibidda shiduun dachaa biqiloota dhaabsisaa ture sanaa mancaasuun jiraattota naannawaa bosonaa jiraatan ammoo isintu WBO gargaara jechuun hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa irratti raawwachaa jira.

