ONM-ABO Bitootessa 22, 2025
Dheengadda Bitootessa 20, 2025 aanaa Begii gandoota akka, Eegoo Girmoosii, Ajoo Hordaa, Tobbii Daallee Maacoo, Gabaa Kamisaa, Karmaa Gunfii fi Tulluu Gabaa Facaasaa keessatti ganama uummata manneen isaaniitti dhaquun jumlaan ukkaamsanii milishaa taatu ittiin jechuun fuudhanii deemuu maddeen ONM’f eeran.
Namoota qabaman keessaa muraasni, ganda Eegoo Girmoosii irraa:
- Bargaawwii Hasan,
- Aasim Musxafaa,
- Musxafaa Alii,
ganda Ajoo Hordaa irraa:
- Ifaa Shomboolaa,
- Ibraahim Mikoo,
- Raamadaan Tolaa,
ganda Gabaa Kamisaa irraa:
- Umar Daaressaa,
- Jimaaloo Adam,
- Jibiriil Ahimad,
ganda Kaarmaa Guunfii irraa:
- Yaayyaa Galchaa,
- Kamaaladdiin Zalaalam,
- Amaan Dimbaashaa,
ganda Tulluu Gabaa Facaasaa irraa:
- Mohaammad Moggaa,
- Almaaz Mohaammad, fi
- Bashir Abdullaayii kanneen jedhaman ta’uun baramee jira.
Akka aanaa Begiitti torban kana keessa qofa namoonni 200 ol kan ukkaamfaman oggaa ta’u, murni badee balleessaan kun rakkoo siyaasaa impaayerattii keessatti karaa haqaan xumuree uummataaf nagaa buusuu irra hawaasa ukkaamsuun gara dirree lolaatti guuree ittiin ilmaan Oromoo lafa irraa balleessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuun kan beekamuudha.


