• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti maqaa ijaarsa waajjira Bilxiginnaan dararaan hammaachuu ONM odeeffate

Mar 23, 2025

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Godina Arsii Lixaa aanaa Nageellee Arsiitti kaadiroonni faashistii PP yakka uummata nagaa irratti raawwatan isaanitti xiqqaannaan yeroo ammaa bifa haarawaan ijaarsa manneenii kan Paartii Badhaadhinaa jiraattonni akka ijaaraniif dirqamsiisaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Waraanni aanicha irraa gandoota baadiyyaatti bobbaafaman Bitootessa 22, 2025 uummata qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal-qabaa jiru, daa’imman beelaa fi dheebuun dararamaa osoo jiranii, osoo hawaasaaf harka isaanii irraa gargaarsi barbaachisu gaddaa fi naasuu tokko malee maallaqa yeroo gabaabduu keessatti namni kamuu walitti qabee isaaniif akka dhiyeessuuf dirqama humnaan olii itti dabarsuun rakkisaa jjiraachuun addeeffameera.

Maallaqni loltoonni maafiyaa PP baatiiilee keessatti marsaa marsaan irra deddeebiin gaafachaa jiranis abdii kutannaa keessa kan galche uummata Oromoo, sabni waamaraan badhaadhee jiraachaa ture har’a garuu lubbuu isaa jiraatti of keessaa baasuu hanga ga’uutti jireenya jibbee jiras jechuun jiraataan ONM’f yaada isaa qoode miiraa gaddaan guutameen dubbateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading