• Tue. Jan 13th, 2026

Israa’el rukuttaa haaraa lubbuu namootaa galaafate eegaluun isheen Libaanos ‘waraana haaraa’ jechuun akeekkachiiste

Mar 23, 2025

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025

Muummichi Ministeeraa Libaanos Nawaaf Salaam biyyi isaanii “waraana haaraa” keessatti harkifamuuf qarqara irra jiraachuu ishee himaniiru.  Kana kan dubbatan haleellaan qilleensaa haaraa Israa’el kudhanootaan lakkaa’aman garee hidhatee Hizboollaa irratti xiyyeeffate yoo xiqqaate namoota lama ajjeesuu hordofeeti.

Salam akeekkachiisa kanaan, Israa’el “hojii waraanaa haaromfame daangaa kibbaa irratti taasisuun balaa gara Libaanos fi ummata Libaanos” fida jedheera.

Dhaabbanni oduu biyyaalessaa Libaanos (NNA) akka gabaasetti, yoo xiqqaate namoonni lama akka ajjeefaman mirkanaa’uu isaanii fi namoonni saddeet kanneen biroo haleellaa qilleensaa Israa’el irra ga’uu isaanii mirkanaa’eera. Namoota ajjeefaman keessaa tokko daa’imman akka ta’an kan himan yoo ta’u, kanas wiirtuun hojii balaa tasaa fayyaa hawaasaa mootummaan bulchu  ibseera.

Gabaasni NNA yoo xiqqaate naannoowwan gara kibbaatti argaman 14 Israa’eliin  xiyyeeffatamaniiru jechuun Aljazeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading