• Wed. Jan 14th, 2026

Murni PP kutaalee magaalaa Shaggar Siitii keessatti uummata jumlaan ukkaamsuun dhabamsiisaa jiraachuun ifoome

Mar 23, 2025

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalichaa kanneen akka Galaan, Buraayyuu, Sulultaa, Laga Xaafoo, Laga Dhaadhii fi kanneen biroo keessaa uummata jumlaan ukkaamsuun reebichaa fi dararaa garaa garaa irraan ga’uun mana hidhaatti galchaa kan jiran oggaa ta’u, addatti ammoo namoota fuula haaraa hojiif gara sana imalanii jiran kutaa fi lagaan qooduun ukkaamsaa jiraachuu odeessi magaalicha irraa ONM’n qaqqabe ni addeessa.

Ilmaan Oromoo akka fedhetti garboomsee ittiin taphachuu kan barbaadu murni badee balleessaan PP humnoota waraanaa teessuma aangoo isaa jalatti tiksan maallaqaa fi goyyomsaan bitee namoota qaqqaalii abdii fi egeree dhalootaa kanneen biyyaaf gaaddisa dhugaa ta’uun jijjiiramaaf hojjetan maqaa ilaalcha WBO qabdu jedhuun yakkee jireenya isaanii guutuu manneen hidhaa gochuu, dhoksaan baasee ajjeesuu fi reebichaan qaama hir’uu taasisaa jira.

Murni garboomfataan Bilxiginnaa kun daa’mman, dargaggootaa fi maanguddoota osoo hin hambisin goleewwan Oromiyaa cufa keessaa jumlaan ukkaamsaa jiraachuun isaa kan yaadatamu oggaa ta’u, gocha badii isaa kana daran hammeessuun uummata ba’aa fi gala dhorkaa jiraachuus jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading