• Tue. Jan 13th, 2026

Waraanni Sudaan yeroo Giddugaleessa Kaartum keessatti tarkaanfachaa jiru kanatti dhaabbilee ijoo deebisee to’achaa jiraachuu ibse

Mar 23, 2025

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Waraanni Sudaan Sanbata darbe akka jedhetti, hogganaan waraanaa Abdel Fattah Al-Burhan masaraan pirezidaantii deebi’ee qabachuu isaa hordofuun ”bilisummaa guutuu” waadaa erga galaniin booda, gamoolee ijoo hedduu to’annoo humna deggersa saffisa irraa to’achuu isaanii ibseera.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisaa Nabil Abdallaa akka jedhanitti waraanni humnoota deggersa ariifataa irraan dhiibbaa akka ga’a ibsuun giddu gala magaalattii keessatti gamoowwan argaman Baankii Giddugaleessaa, Waajjira Muummee Basaasaa Naannoo fi Muuziyeemii Biyyoolessaa Sudaan dabalatee deebisanii qabachuu ibsaniiru.

Dhaabbileen biyyaalessaa Sudaan giddugala magaalattii keessa jiran hundi isaanii erga lolli Ebla 2023 eegaleen booda humna deggersa ariifataan  saamamaniiru.

Maddi RSF tokko AFP’f qabsaa’onni isaa ”bakka tokko tokko giddu galeessa Kaartum keessaa akka bahan” mirkaneessee ture.

“Humnoonni keenya amma buufata xiyyaaraatti lola cimaa taasisaa jiru” jechuun maqaan isaanii akka hin dhahamne dubbataniiru.

Jimaata darbe Raayyaan Ittisaa fi gareewwan hidhannoon raayyaa ittisaa tumsan masaraa pirezidaantii RSF irraa deebi’anii erga fudhatainiin booda haleellaa dirooniin gaazexeessitoota sadii fi hojjettoota Raayyaa Ittisaa hedduu ajjeesuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading