ONM-ABO Bitootessa 24, 2025
Baha Shaggar aanaa Dugdaa bulchiinsa magaalaa Maqii ganda Boolee fi kanneen birootti Bitootessa 21, 2025 irraa eegalee lukkeeleen Bilxiginnaa humnoota waraanaa fi milishoota waliin wal faana hawaasatti bobbaafamuun dirqamaan mana jireenyaa tokkotti namni kamuu qarshii 7000 akka kaffalu itti murteeffamee guuraa kan jiran yoo ta’u, kana malees kaffaltii inshuuraansii fayyaaf qarshii 980 fuuchaa jiraachuun ibsameera.
Dabalataanis namoonni sochii magaalaa keessaa danqamuun kanneen baadiyyaa onichaa fi bakkeewwan biroo irraa hojiif gara onichaa deemuun jiraatan fuulli keessan magaalaa kanaaf haarawaadha jechuun qabanii hidhanii qarshii gurguddaa gaafachuun gadi dhiisaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Gareen faashistii PP gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan uummata Oromoo kuffisee dhiitee bulchuuf jecha seenaa uummata Oromoo irratti ta’ee hin beekne, walitti fufinsaan qarshii adda addaa gaafachuun hawaasa nyaatee buluufuu homaa of harkaa hin qabne dararuun, uummata qarshii gaafatamu kaffaluu dadhabes reebichaa fi hidhaan rakkisaa jiraachuu itti dabaluun jiraattonni dubbatu.




