• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti hidhaan jiraattota irratti lukkeelee Bilxiginnaan jabaachuun ibsame 

Mar 24, 2025

ONM-ABO Bitootessa 24, 2025 

Aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa jedhamu keessaa Bitootessa 22, 2025 waraanni maafiyaan PP uummata nagaa jireenya mataa isaanii jiraatan kanneen hirmaannaa fi tuqtuqaa siyaasaa irraa bilisa ta’an yakkee maqaa hojiilee loojistikii hojjettu jedhuun hidhaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Hidhamtoota siyaasaa kunneen irraattis waraana gara jabeeyyii PP’n reebichi irratti raawwachuus jiraattonni kan himan oggaa ta’u, isaan keessaas kanneen maqaan nu ga’e:

  1. Qaasimmoo Jimaa,
  2. Xahaa Jimaa,
  3. Dittaa Qaasimo fi 
  4. Xaahiroo Abbittii 

kanneen jedhaman dabalatee namoonni hidhaman hedduu ta’uunis ibsameera.

Impaayera gootummaan ishee gara jabummaa lammiilee nagaa irratti raawwachuu ta’e Itiyoophiyaa keessatti mirgi namootaa sarbamuu keessa darbee waraanni teessuma koloneel Abiy Ahimed jalatti tiksuuf ifaajan daa’imman irraa jalqabee namoota gurguddaa jumlaan ukkaamsuun hidhuu, saamicha irratti raawwachuu fi dhabamsiisuu cimsanii itti fufanii jiru.

Leave a Reply