• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee garaa garaa keessatti waraanni maafiyaan PP miidhaa ulfaataa hawaasa irratti geggeessaa jiraachuu ONM odeeffate

Mar 24, 2025

ONM-ABO Bitootessa 24, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Malkaa Lammii iddoo addaa Magiboo jedhamutti Bitootessa 22, 2025 waraanni Maafiyaan PP nama maqaan isaa Obbo Alamaayyoo Atoomsaa jedhamu jalaa manaa fi qabeenyaa guutuu gubanii kan barbadeessan yoo ta’u, dabalataanis Xaafii ardaba tokkoo fi Baaqelaa ardaba tokkos gubaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun aanaa Galiilaa ganda Saqalaa Aajjee keessattis waraanni maafiyaan PP uummata nagaa irratti dararaa fi reebicha hamaa raawwachuun beekameera. Namoonni reebichi fi dararaa ulfaataan irra gahe kunneenis;

 1. Dhibbarraa Ayyaanaa 

  2. Tolaa Bayyanaa 

  3. Garramuu Hirphaa 

  4. Darajjee Dureessaa 

  5. Ayyaanaa Gammadaa kanneen jedhaman ta’uun barameera.

Murni maafiyaan PP golee Oromiyaa mara keessatti gochoota suukkanneessaa garaa garaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u murni badiin kun mirga namoomaa uummata Oromoo irraa mulquun qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisee afaan qawween ajjeesaa, hidhaa, saamaa, reebicha hamaa irraan gahuun qaama hir’uu taasisaa akkasumas mana jireenyaa irratti gubuun buqqisaa jiraachuun jabaatee itti fufeera.

Leave a Reply