Oduu: Namoonni waraana #Tigraay irraa lubbuun hafan Jarmanitti qondaaltota #Itoophiyaa fi #Eertiraa irratti himannaa yakka waraanaa dhiyeessan
Namoonni waraana Tigraayiin miidhamanii lubbuun hafan saddeet Abbaa Alangaa Mootummaa Federaalaa Jarmanitti himannaa yakkaa dhiyeessan. Himannaa kanaan qondaaltonni mootummaa fi waraanaa Itoophiyaa fi Eertiraa kudha lama “yakka waraanaa fi yakka namoomaa” raawwachuun himatamaniiru.
Himannaa kana kan dhiyeessan “hojjetaa gargaarsa namoomaa duraanii fi qondaala bulchiinsa yeroo duraanii” dabalatee namoota saddeet yoo ta’an, akkuma “namoota kuma dhibbaan lakkaawwaman biroo” yeroo waraanatti “miidhaa saalaa, seeraan ala hidhamuu, dararaa fi beela” isaan mudachuu ibsameera. Caayaa Qeerroo

