ONM-ABO Bitootessa 26, 2025
Gareen dhiiga namoota nagaa dhangalaasuu araada taasifatan waraanni impaayerattii Bitootessa 24, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Galabee Buusaatti jiraataama gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Nuuraa Amaan Hedoo jedhamu rasaasa itti roobsanii ajjeesuun, nama maqaan isaa Hasan Adam Haajii Abdullaay jedhamu ammoo rasaasaan rukutuun madoo ulfaataa taasisuun beekameera.
Akka jiraattonni onichaa bakka taateen kun itti raawwate irraa ONM’f himanitti guyyaa namoota kanneen irratti taateen kun raawwatame lolli jabaan waraana impaayerattii fi gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti adeemsifamuun WBO’n loltoota sirnichaa du’aa fi madoon adabnaan loltootni impaayerattii haaloo ba’annaaf hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun gocha hammeenyaa kana akka raawwatan eeraniiru.
Loltoonni sirnichaa lubbuu ilmaan namaaf naasuu hin qabne dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasuuf meeshaalee waraanaa hidhatanii qe’ee hawaasa bal’aatti bobba’uun adeemsa seeraa fi ragaa itti hin qabneen namoota nagaa yakkuun saamuu, manneen jiraattotaa gubuu fi hanga lubbuu namoota nagaa balleessuutti aduu dhiitee bariitu daba raawwachaa oolu.
Abiy Ahimed waltajjii barbaade irratti content container irraa adda baasuu qabna, namni ilaalcha biraa yoo qabaate ilaalcha isaa keessaa baasna jedhu, yeroo barbaadetti ammoo qonnaan bulaadha, jaarsa waanti jedhu hin hojjetu, qe’ee qonnaan bultootaatti loltoota isaa bobbaasee maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun ajjeechaa raawwachaa jira.


