• Sun. Nov 22nd, 2026

WBO’n Zoonii Lixaatti Maree Hawaasa Waliin Haala Yeroo fi Qabsoo Oromoo Irratti Taasise

Mar 26, 2025

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Garbummaa uummata Oromoo irratti hidda gadi fageeffate hundeen saba isaa irraa buqqisuuf dirqama ulfaataa ofitti fudhatee dirree qabsoo irra kan jiru gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo, uummata qabsaa’aafii jiruuf haala yeroo fi qabsoon bilisummaa Oromoo fakkaatu irratti uummata waliin marii taasisaa jira.

Haaluma kanaan torban kana keessa jajjabeen WBOn Zoonii Lixaa uummata Oromoo bakkoota adda addaa jiran waltajjii teessisuun haala qabsoon Oromoo irra jiru, burjaajii, olola diinaa fi rakkoo nageenyaa impaayerattii keessatti itti fufee jiru Ilaalchisuun yaadota bal’aa kaasuun uummatni Oromoo akkamiin WBO cinaa dhaabbatee Bilxiginnaatti xumura gochuu akka qabu irratti hubannoon uumamuun murannoonis agarsiifameera.

Uummatni keenya garbummaa fi daraaraa Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru nuffee akka jiru kaasuun, sarbamiinsa mirga namoomaa fi saamicha dinagdee geggeeffamaa jiru irraan kan ka’e gara diddaatti deemuuf akka nama hundaa dirqisiisaa jiru hirmaattotni akeekaniiru.

Leave a Reply