🍀Godina #Arsii_Bahaatti waraanni mootummaa maanaaf Qabeenya Ummataa ibiddaan mancaasaa jira.~~~~~~
Godina Arsii bahaa iddoo garaagaraatti Waraanni mootummaa maanaaf Qabeenya Ummanni dafqee walitti qabate ibiddaan barbadeessaa jira. Qaala’iinsa jireenyatiin mankaraaraa kan jiru Qote bulaan midhaan inni Qotee galfate ibiddaan barbadeessun akka duguuggaa sanyiitti waan ilaalamuuf balaaleffatamuu qaba.
Biyya Ummanni percent guddaan deeggarsa namoomaa eeggatu keessatti midhaan Qote bulaan dafqee walitti qabate ibiddaan gubuun yakka yakka caaluu ta’uu hunduu hubatee Qeerron Bilisummaa Oromoo naannoo sanatti dhiyoo jirtan bifa dandeessaniin ummata keenya cinaa akka dhaabbattan isin gaafanna!
Caayaa Qeerroo





