• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama WBO’tti harka kennatan

Mar 26, 2025

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa irraa Bitootessa 24, 2025 miseensonni waraana Raayyaa ittisa impaayerattii lama mooraa cubbuu ganuun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun barameera.

Miseensotni waraana Bilxiginnaa kunneen badii sirnichi uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun mooricha akka ganan dubbataniiru.

Murni Bilxiginnaa safuu fi aadaa ummata Oromoo cabsuun yakkoota gudeeddaa fi kanneen biroo ummata Oromoo irratti akka rawwataniif bobbaasuun akka nuti sammuu nagaan teenyee hin hojjenne nu godhe kan jedhan waraanni qawwee waliin WBO’tti harka kennatan kunneen, uummata qulqulluu irraa dhalanne kana irratti yakka akkasii hin rawwannu jechuun sirnicha ganuun WBO’tti harka kennachuu isaanii ibsaniiru.

Miseensonni loltuu murna Bilxiginnaa duraanii kan sabaan Oromoo ta’an kunneen itti dabaluun durumayyuu  dirqamaan gara mooraa sirnichaatti makamne jechuun dubbatan.

Fedhii malee kanneen dirqiin keessa jiran danuu ta’uus himuun, hammeenyummaa murna Bilxiginnaa hubattanii yeroon isin gara qabsoo haqaa kan WBO’n geggeefamaa jirutti makamtanis ammadha jechuun itti dabaluun  dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Murni Bilxiginnaa qe’ee ilmaan Oromootti gaddaa fi gadadoo galchuuf akkasumas Oromiyaa dirree lolaa taasisuuf namoota  dirqii fi maallaqaan goyyomsuun dirree waraanaatti guuree qoraan ibiddaaf qophaa’e gochaa kan jiru yoo ta’u, ammas dhangaa lolaa kan biraa qopheessuun dargaggoota abdii biyyaa itti afeeraa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading