• Thu. Mar 12th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti maanguddoonni lama loltoota sirnichaan ukkaamfamuun dhaga’ame

Mar 26, 2025

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Alaltuu jedhamu keessaa kaleessa Bitootessa 25, 2025 namoota nagaa maqaan isaanii:

  1. Obbo Araarsaa Waaqjiraa  fi
  2. Obbo Eliyaas Waaqgaarii 

kanneen jedhaman balleessaa tokko malee waraanni sirnichaa ukkaamsuun gara waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni naannichaa itti dhiheenyaan beekan yaada isaanii nuuf qoodanitti namoonni kunneen ganama maatii isaanii waliin qe’ee isaaniitii ciree nyaatanii buna dhugaa osoo jiranii waraanni sirnichaa namoota nagaa ajjeesuu, hidhuu fi hiraarsuuf aanaa irraa bobbaafaman kunneen gaaffii seeraa tokko malee afaan qawwee isaaniitti dhimma ba’uun ukkaamsanii deeman jechuunis dubbatu.

Waraanni koloneel Abiy Ahimed maqaa sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bakka quubsuma isaanii irraa bobbaafamanii hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’anii jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffatan ukkamsanii uffannaa waraanaa itti uffisuun WBO boojine, miseensa qeerroo bilisummaa Oromootii fi kanneen biroo dha’uun jumlaan namoota ukkaamsanii hidhuu, ajjeesuu fi gariin ammoo barnoota basaasummaa kennuufiin hojiiwwan dabaa irratti bobbaasaa akkuma turan yeroo ammaa kanas bifa haarawaan namoota ukkaamsuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading