• Wed. Jan 14th, 2026

Jarman Raashiyaan haalduree tokko malee Yukireen irratti dhukaasa dhaabuuf akka walii galtu gaafatte

Mar 28, 2025

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Jarman Roobii kaleessaa Raashiyaan haalduree tokko malee dhukaasa Yukireen keessatti dhaabuuf akka walii galtu dhaamte. Kunis Moskoon uggurri tokko tokko yoo irraa kaafame malee akka dhukaasa hin dhaabne  erga dubbattee booda.

Ministeerri Dhimma Alaa Jarman  Analeenaa Baarbak Raashiyaan haala dabalataa malee dhukaasa dhaabuuf akka walii galtu gaafanna jette.

Raashiyaa fi Yukireen Kibxata darbe yeroo marii Ameerikaan gidduu seenuun geggeessaa turteen galaana gurraacha keessatti haleellaa waraanaa dhaabuuf walii kan galan yoo ta’u, kunis Raashiyaaf al-ergii qonnaa eeyyameefii jira.

Garuu Raashiyaan waliigaltee kun erga raawwatamee sa’aatii muraasa booda Yukireen irratti haleellaa diroonii haaraa jalqabdee jiraachuu tuquun waliigaltee kanaaf Jarman yaaddoo qabaachuu ibsuu ishee AFPn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading