• Thu. Mar 12th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaatti miidhaa jajjabaan waraana faashistii PP’n qaaqqabu jabaate 

Mar 29, 2025

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025  

Bitootessa 26, 2025 waraanni faashistii PP aanaa Jimmaa Arjoo ganda Jimaatee bakka addaa Yeroo jedhamuun waamamutti namoota nagaa maqaan isaanii:

  1. Biraanuu Kabbadaa fi
  2. Bultii Naggasaa jedhaman dabalatee kanneen biroo irraa maallaqaa fi bilbiloota saamuun ifoomeera.

Ergamtoonni Abiy Ahimed kunneen guyyaadhuma kana jiraataadhuma gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa;

• Taakkalaa Fiixee jedhamu ammoo reebicha hamaa irratti raawwataniiru.

Oduu biraatiin ammoo aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Aallee Gordommootti Bitootessa 21,2025 badii tokko malee shamarran maqaan isaanii:

  1. Maartaa Shifarraa,
  2. Ababaayee Shifarraa,
  3. Badhaanee Darajjee fi
  4. Eebbisee Darajjee jedhaman qabanii hidhuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees aanaa Sibuu Siree ganda Burqaa Xaalootti Bitootessa 27, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Nigaatuu Baacaa,
  2. Obbo Bayyanaa Baacaa,
  3. Obbo Waaqasaa Tolasaa,
  4. Obbo Fayyeeraa Irranaa,
  5. Obbo Sirqiyyoo Irranaa,
  6. Obbo Kusee Addaamii fi 

kanneen biroo hedduu erga ukkaamsanii booda gara aanaatti geessuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading