• Tue. Jan 6th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti ergamtoonni Bilxiginnaa lafa qonnaan bultootaa abbaa qabeenyaa tokkoof kennan

Mar 29, 2025

ONM-ABO Bitootessa 28, 2025 

Aanaa Daaboo Haannaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti sodaa fi saalfii tokko malee, lafa qonnaan bultoota Oromoo humnaan saamuun, abbootii qabeenyaaf kennaa kan jiran yoo ta’u, torban darbe keessa ganda 77 jedhamee waamamu irraa lafti qonnaan bultoota hedduu saamamee abbaa qabeenyaa tokkoof kennamee jiraachuu jiraattonni gandichaa dhimmicha itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Abbaan qabeenyaa sun maqaan isaa Taayyee kan jedhamu yoo ta’u, jiraataa godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo kan ta’ee fi gara Buunnoo Beddelleetti ce’uun ergamtoota Bilxiginnaa aanaa Daaboo Haannaatti qarshii dhangalaasee qonnaan bultoota jireenya harkaa gara afaanii jiraatanii fi mirga isaaniif dubbatachuu hin dandeenye irraa humnaan lafa isaanii irraa ariisisuun saamaa jiraachuun dabalataan ibsamee jira. 

Lafichi lafa  midhaan sirnaan magarsu yoo ta’u, qonnaan bultoonni hedduun lafti isaanii irraa fudhatamee abbaa qabeenyichaaf yoo kennamuu fi beenyaa tokko malee lafa isaanii irraa ari’amuun hawaasa gandichaa keessatti rakkoo uumaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading