ONM-ABO Bitootessa 28, 2025
Lola guutummaa impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiruun muddama keessa kan seene Bilxiginnaan, qaanii dirree waraanaatti isa mudatee jiru kana dhoksuu fi maqaa lolaan mirgoota namoomaa fi diimookiraasii cabsee aangoo isaa dheereffachuuf uummata nagaa dirqamaan dirree waraanaatti guuraa kan jiru yoo ta’u, godina Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa ganda Boondawoo Dagil keessaa Bitootessa 23, 2025 irraa eegalee bifa haarawaan jiraattota hedduu humnaan ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti walitti qabaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota haala kanaan ukkaamfamanii leenjiif qopha’anii jiran keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Obbo Malkaamuu Abarraa,
- Luuccaa Raggaasaa,
- Waaqtolaa Taaddasaa fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.
Kana malees, gandicha keessatti saamichi maqaa kaffaltii gosa garaa garaa naga’ee hin qabne dawoo godhachuun hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatus daran jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

