• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti loltoonni raayyaa ittisa impaayerattii fi humni addaa Beenishaangul Gumuz hawaasa Oromoo qe’ee irraa buqqisan

Mar 31, 2025

ONM-ABO Bitootessa 30, 2025 

Aanaa Saasiggaa ganda Baloo Bareedaa jedhamu irraa Bitootessa 25, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii hawaasa Oromootti maqaa adda addaa moggaasuun hidhattoota humna addaa naannoo Benishaangul Gumuz daboo kadhatanii ofitti dabaluun hawaasa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu gidduutti galfachuun buqqisuu isaanii jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Akka jiraattonni kunneen himanitti, hawaasni gandicha keessa jiraatan garri caalaan namoota amantaa Muslimaa hordofan ta’uu himuun, jaleewwan ajaja qaama isaanii olii qofa guutuuf bobba’anii hawaasa irraa dhalatanitti deebi’anii badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun humna addaa naannoo Benishaangul Gumuz waliin ta’anii hawaasa soomanarra ture qe’ee fi qabeenya isaanii irraa kan buqqisan ta’uu dubbatu.

Uummata Oromoo fi saboota biroo gidduutti wixinee walitti bu’iinsa sabaa hordofsiisuu danda’u uumee bu’aa siyaasaa kan irraa argatu murni garboomfataan impaayerattii, maqaa adda addaa hawaasni Oromoo hin qabnee fi keessatti hin argamne itti moggaasuun karaa loltoota isaa qonnaan bultoota qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading