• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbiitti miindaa barsiisotaa irraa dhibbentaa 50% kutuu hordofee barsiisonni mormii kaasaa jiraachuun ibsame 

Mar 31, 2025

ONM-ABO Bitootessa 30, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii jala manneen barnootaa baay’inaan 50 ol ta’u akka jiru kan himamu oggaa ta’u, akka manneen barnootaa kanneeniittis waraanni Bilxiginnaa barattootaa fi barsiisota irratti miidhaa adda addaa qaqqabsiisuun barattoonni hedduun adeemsa baruu fi barsiisuu danqamaa akka jiran beekameera.

Keessattuu barsiisota qaala’iinsi jireenyaa rakkisuun hanqina mana jireenyaa fi kanneen biroo himachaa jiran kaadirootni PP miindaa argatan irraa 50% akka kutaniif dirqisiisaa jiraachuun dhaga’ameera.

Dhiibbaa sirnichaas ifatti mormaa kan jiran barsiisonni hedduun miindaa argannu irraa maallaqni jedhame cinnaan hojiilee baruu fi barsiisuu addaan kunna jechuun sirnichaan mormaa akka jiranis barameera.

Impaayerattii keessatti barsiisonni rakkoolee siyaasaan wal qabatee haqni isaanii jaleewwan Bilxiginnaan haqaaqamuun miindaa irraa kutuu, hojii irraa ari’uu, qabanii hidhuu, lubbuu baasuu fi miidhaalee jajjabaan qaqqabaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading